ክቡር ጠቅላይ ሚንስትር ዐቢይ አሕመድ (ዶ/ር) ረቡዕ እለት በሀላባ እና ከምባታ ዞኖች የሞዴል የገጠር መንደሮችን ማስረከባቸው የሚታወስ ሲሆን ዛሬ ደግሞ በሀዲያ እና ስልጤ ዞኖች የተገነቡትን አስረክበዋል።

ረቡዕ በሀላባ እና ከምባታ ዞኖች የነበረንን የሞዴል የገጠር መንደሮች ርክክብ ሥነሥርዓት በመቀጠል ዛሬ ደግሞ በሀዲያ እና ስልጤ ዞኖች የተገነቡትን አስረክበናል። እነኚህ ባለሶስት መኝታ ቤት መኖሪያዎች ለማብሰል የሚያገለግል የባዮጋዝ መሣሪያ፣ የፀኃይ ኃይል ማመንጫ፣ የዶሮ ማርቢያ፣ የተለየ የእንስሳት በረት የተሟላላቸው ሲሆን በተመጣጣኝ አነስተኛ ወጪ ከአካባቢ በሚገኙ ግብዓቶች የተሻለ መኖሪያ ከማስገኘት አንፃር ለገጠሩ ማኅበረሰብ ብልጽግና ያለንን ሕልም የሚያሳይ ነው።

እንደ ማኅበረሰብ አዲስ ሀሳቦች ሲፈልቁ “አይቻልም” በሚለው የቆየ አስተሳሰብ የመፈተን ተግዳሮት ይደቀንብን ይሆናል። ይሁንና በተጨባጭ በሚታየውና በተገኘ ውጤት ላይ ወደ አለማመን እና አለመቀበል በሚመራን የሀሳብ ወጥመድ ውስጥ መውደቅ የለብንም። ዜጎች ለውጥ እንደሚቻል ሀብቶቻችንን ወደ ትክክለኛ የቅድሚያ ትኩረቶቻችን ካዋልንም ማኅበረሰብን በርግጥም ማሻገር እንደምንችል ማመን ይገባቸዋል። በአራቱ ዞኖች የተሠራው ሥራ በመላው ክልሉ መደገም ይኖርበታል። የክልሉ አመራር ይኽን ታላቅ ስራ እንደሚፈጽመውም እምነት ጥያለሁ።

Sirna walharkaa fuudhinsa mandaroota moodeela baadiyyaa Roobii darbe Halaabaafi Kambaataatti taasifne ittifufuudhaan har’a immoo kanneen godinoota Haadiyyaafi Silxeetti ijaaraman kennineerra. Manneen jireenyaa kutaa ciisaa sadii qaban kunneen meeshaalee baayoogaazii nyaata bilcheessuuf tajaajilan, maddisiisaa humna aduu, bakka horsiisa lukkuufi dallaan horii garaagaraa kan guutameef yoo ta’an, baasii xiqqaafi walsimaa ta’een galteewwan naannichatti argamanitti fayyadamuudhaan kan hojjetamaniifi mana jireenyaa wayya qabu argamsiisuudhaan badhaadhina hawaasa baadiyyaatiif kaayyoo qabnu kan mul’isanidha.

Akka hawaasaatti wayita yaadonni haaraan burqan ilaalcha dulloomaa ‘hin danda’amu’ jedhuun qoramuun danqaraa nutti ta’uu danda’a ta’a. Haa ta’u malee bu’aan qabatamaan argamuufi galmaa’e utuu jiru kiyyoo amanuu dhabuufi fudhachuu dhabuutiin qabamuun nurra hin jiru. Lammiileen jijjiiramni akka danda’amuufi, qabeenyaa keenya tartiiba sirrii ta’een hojiirra oolchuudhaan hawaasa keenya dhugumaan jijjiiruu akka dandeenyu amanuu qabu. Hojiin Itoophiyaa Giddugalaa godinaalee afranitti hojjetame kun Naannicha keessatti baay’achuu qaba. Hooggantoonni Naannichaas hojii guddaa kana akka raawwatanin amana.

Following the handover of the model rural villages in the Halaba and Kembatta zones on Wednesday, today we have handed over those built in the Hadiya and Silte zones. These three-bedroom homes, equipped with biogas facilities for cooking, solar energy, chicken coops, and separate sheds for cattle, stand as symbols of our vision for prosperous rural communities where affordable homesteads are constructed using locally sourced materials.

As a society, we may often suffer from an ingrained mentality that says “it’s not possible” whenever a new idea or ambitious project emerges. However, we must not fall into disbelief or denial of what has already been achieved and made tangible. Citizens must believe that change is possible and that by directing our resources toward the right priorities, we can indeed transform our communities. The work accomplished in the four zones of Central Ethiopia should be replicated across the region, and I count on the regional leadership to realize this grand task.

Similar Posts