የባሌ ዞን የመጀመሪያ ቀን ጉብኝት ያሳየን በድንቅ ተፈጥሮ እና በልማት ሥራ እድገት መካከል ያለውን መስተጋብር ነው።
በአስደናቂ ብዝኅ መልኩ የባሌ ተራሮች ብሔራዊ ፓርክ የቱሪዝማችን አንዱ የማዕዘን ድንጋይ ሆኖ ቀጥሏል። ይኽ እምቅ አቅም በፓርኩ እምብርት ላይ የተገነባው የዲንሾ ሎጅ በቅርቡ ሲጠናቀቅ የበለጠ ይጠናከራል። በአቅራቢያው በመገንባት ላይ ያለውና በቅርቡ የሚጠናቀቀው የሶፍኡመር ሎጅ ቱሪዝምን የኢኮኖሚያችን ቁልፍ መሪ አድርጎ ያስቀመጠው የኢትዮጵያን የ10 አመት ስትራቴጂክ እቅድ የሚተገብር ነው። ሎጁ በሶፍኡመር ዋሻ የጎብኝዎችን ቆይታ ከፍ የሚያደርጉ እና የመዝናኛ አገልግሎት መስጫዎች በሶፍኡመር ዋሻ ልማት ፕሮጀክት እገዛ የሚዘጋጁበት ነው። በመንገድ መሠረተ ልማት ረገድ የሮቤ-ጎሮ-ሶፍኡመር-ጊኒር መንገድ የማሻሻያ ፕሮጀክት ከፍተኛ አምራች የሆኑትን የምሥራቅ ባሌ እና የባሌ ዞኖችን ምርታቸውን ከማዕከላዊ ኢትዮጵያ የሚያገናኝ ነው። ይኽ መሥመር ተደራሽነትን እና የኢኮኖሚ ተያያዥነትን ብቻ ሳይሆን እንደሶፍኡመር ዋሻ እና የባሌ ተራሮች ወደ መሰሉት ዐበይት የመስኅብ ሥፍራዎች ጉዞን የሚያሳልጡ ናቸው። ድርብ አስፋልት ንጣፍ ባለው ከፍ ያለ ደረጃ የተገነባው መንገድ 29 ኪሎሜትር የከተማ እና የገጠር መንገድን የሚያካትት ብሎም ከ12 እስከ 140 ሜትር ርዝመት ያላቸው አምስት ድልድዮች የተሠሩበት ነው። የቀኑን ጉብኝታችንን የወይብ ወንዝ የጎርፍ መቆጣጠሪያ ፕሮጀክትን በመመልከት አጠናቀናል። ፕሮጀክቱ በሶፍኡመር ዋሻ የሚጓዘውን የወንዙን የውሃ ፍሰት በመቆጣጠር አመቱን ሙሉ ወደ ዋሻው የሚደረግ ጉዞ እንዳይስተጓጎል ለማድረግ ብሎም የዋሻውን ሥነምኅዳር ለመጠበቅ ታልሞ የተሠራ ነው። ሁሉም ሥራዎች ቀጣይነት ላለው ልማት ያለንን ጽኑ አቋም እና ተግባር የሚገልጡ ናቸው። Daawwannaan guyyaa jalqabaa Godina Baalee wanti nutti agarsiisee walittidhufeenya cimaa uumama ajaa’ibaafi hojii misoomaa guddataa jiru gidduu jirudha. Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee danummaa addaa qabuun utubaa tuuriizimii keenyaaf dhagaabgolee tokko ta’uusaa itti fufeera. Humni kuufamaan kun Loojiin Diinshoo wiirtuu Paarkichaa keessatti ijaarame dhiyeenyatti wayita xumuramu caalaatti ni cima. Loojiin Soof Umar dhiyaanyasaatti ijaaramaa jiruufi yeroo dhiyootti xumuramu, Karoora Tarsiimoo Itoophiyaa Waggaa Kudhanii isa tuuriizimii guddina dinagdeef ijoo taasisee fudhatu jabeessuuf kan hojjetamedha. Loojichi turtii daawwattonni Holqa Soof Umaritti qabaatan kan olkaasuu yoo ta’u, Piroojektii Misooma Holqa Soof Umar waliin dabaalamee bakkeewwan turtii bashannansiisaafi tajaajila olaanaa kennan qabaata. Gamaa misooma bu’uraa daandiitiin, daandiin fooyyessa Roobee – Gooroo – Soof Umar – Gindhiir Godinoota Baalee Bahaafi Baalee homishtummaa qonnaa olaanaadhaan beekaman Itoophiyaa giddugaleessaa waliin walqunnamsiisuudhaan gahee olaanaa qabaata. Daandiin kun qaqqabamuufi hidhata dinagdee fooyyessuu qofa utuu hin ta’iin, hawwattoota gurguddoo akka Holqa Soof Umariifi Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee gidduutti imala si’oomsa. Daandiin aspaaltii dachaadhaan sadarkaa qulqullinaa olaanaadhaan hojjetame kun daandii km 29 baadiyyaafi magaalaa haammatu yoo ta’u, riqichoota shan dheerina meetira 12 hanga 140 ta’an of keessatti qaba. Daawwannaa keenya guyyichaa Piroojektii Too’annoo Lolaa Laga Wayyibiin xumurreerra. Piroojektichi yaa’a Lagichaa Holqa Soof Umar keessa darbu too’achuufi imalli gara Holqichaatti taasifamu waggaa guutuu akka addaan hin cinne taasisuuf, akkasumas sirnakkoo Holqichaa kunuunsuuf yaadamee kan hojjetamedha. Hojiiwwan kunneen hundi hejjennoo cimaafi gocha misooma waaraaf qabnu kan mul’isanidha. Day one in the Bale Zone has shown us the powerful nexus between natural wonders and development progress. The Bale Mountains National Park, with its remarkable diversity, continues to be one of the cornerstones of our tourism pillar. This potential will soon be strengthened by the completion of the Dinsho Lodge, located at the heart of the park. While nearby, the Sof Omer Luxury Lodge, now nearing completion, is designed to advance Ethiopia’s Ten-Year Strategic Plan by positioning tourism as a key driver of economic growth. The lodge will elevate visitors’ experiences at the Sof Omer Cave, offering premium accommodation and leisure facilities and is complemented by the Sof Omer Cave Development Project. In the realm of road infrastructure, the Robe–Goro–Sof Omer–Ginir Junction Road Upgrading Project plays a vital role in linking the highly productive agricultural zones of East Bale and Bale with central Ethiopia. This connection not only improves accessibility and economic integration but also facilitates travel between major attractions such as the Sof Omer Cave and Bale Mountains National Park. Built to high standards with dual asphalt concrete layers, the project covers 29 kilometers of urban and rural roads and includes five bridges ranging from 12 to 140 meters in length. We concluded the day with a review of the Weib River Flood Control Project, which aims to regulate water flow inside the Sof Omer Cave, ensuring year-round accessibility and safeguarding the cave’s ecosystem. Together, these initiatives reflect our unwavering commitment to sustainable development.






























